Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaan Akka Si Ilaalutti Of Ilaali

Yihowaan Akka Si Ilaalutti Of Ilaali

“Yihowaan saba isaatti ni gammada.” (Fr 149:4) Mudaa kan qabnu yoo taʼeyyuu Yihowaan amaloota gaggaarii qabnuu fi wanta gara fuulduraatti gochuu dandeenyu ni ilaala. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko nuti haala madaalawaa taʼeen akkasitti of ilaaluun nutti ulfaachuu dandaʼa. Akkaataa warri kaan itti nu qabaniin kan kaʼe miira akka gatii hin qabne nutti dhagaʼamuu wajjin walʼaansoo gochaa jirra taʼa. Yookiin dogoggora kanaan dura raawwanne irratti yoo xiyyeeffanne Yihowaan dhugumaan akka nu jaallatu shakkuu dandeenya taʼa. Miirri akkasii yommuu nutti dhagaʼamu maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

Yihowaan wanta namoonni arguu hin dandeenye akka argu yaadadhu. (1Sa 16:7) Kana jechuun wanta nutti of keessatti hin arginellee ni argaa jechuudha. Kan namatti tolu, Kitaabni Qulqulluun Yihowaan akkamitti akka nu ilaalu akka hubannu nu gargaara. Caqasootaa fi seenaawwan Kitaaba Qulqulluu Yihowaan tajaajiltoota isaa hammam akka jaallatu ibsan qoruudhaan kana hubachuu dandeenya.

VIIDIYOO YIHOWAA DURATTI GARAA KEESSAN AMANSIISAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Fakkeenyi waaʼee namicha fiigicha fiiguu fi abbaa isaa dubbatuu akkaataa Yihowaan itti nu ilaalu ilaalchisee maal nu barsiisa?

  • Namni cubbuu cimaa hojjete tokko hariiroo Yihowaa wajjin qabu deebifachuuf tarkaanfiiwwan barbaachisoo yoo fudhate, Yihowaa duratti garaa isaa amansiisuu kan dandaʼu akkamitti?—1Yo 3:19, 20

  • Obboleessi kun seenaa Daawitii fi Yoshaafaax dubbisuu fi xiinxaluudhaan kan fayyadame akkamitti?