Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaan “Ijoollee Abbaa hin Qabneef Abbaa Dha”

Yihowaan “Ijoollee Abbaa hin Qabneef Abbaa Dha”

Waggaa waggaadhaan dargaggoonni baayʼeen michuu Yihowaa taʼuuf filachaa jiru. (Fr 110:3) Yihowaan tokkoon tokkoon keessaniif baayʼee yaada. Rakkoowwan addaa isin mudatan ni hubata, akkasumas akka isa tajaajiltaniif isin gargaaruuf waadaa galeera. Abbaa ykn haadha qofaan kan guddattan yoo taʼe, Yihowaan “ijoollee abbaa hin qabneef abbaa” taʼuu isaa yaadadhaa. (Fr 68:5) Haalli maatii keessanii maaliyyuu yoo taʼe, leenjii Yihowaan isinii kennuun milkaaʼuu ni dandeessu.—1Ph 5:10.

VIIDIYOO WARRA AMANTIIDHAAF JABAATANII LOLUU IRRATTI MILKAAʼINA ARGATAN—IJOOLLEE ABBAA YKN HAADHA QOFAAN GUDDATAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Fakkeenya Taamii, Chaarlasii fi Jiimii irraa maal barattan?

  • Faarfannaan 27:10 warra abbaa ykn haadha qofaan guddataniif jajjabina akkamii kenna?