Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

“Waaqa Keessan Yihowaatti Amanaa”

“Waaqa Keessan Yihowaatti Amanaa”

Yoshaafaaxii fi sabni Yihudaa yeroo doorsifamanitti gargaarsa argachuuf fuula isaanii gara Yihowaatti garagalchaniiru (2Se 20:12, 13; w14 12/15 23 key. 8)

Yihowaan saba isaa jajjabeesseera, qajeelfama ifa taʼes isaaniif kenneera (2Se 20:17)

Sabni isaa waan isatti amanamaniif Yihowaan isaan oolcheera (2Se 20:21, 22, 27; w21.11 16 key. 7)

Yeroo rakkina guddaatti yommuu Goog saba Yihowaa irratti haleellaa banu, warri Yihowaa fi namoota inni akka geggeessaniif muudetti amanaman wanta sodaatan tokkoyyuu hin qaban.—2Se 20:20.