Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Gantummaa Irraa Of Eegaa

Gantummaa Irraa Of Eegaa

Seexannii fi warri dhiibbaa isaa jala jiran yeroo baayʼee soba dhugaatti makanii nuuf dhiheessuudhaan amantii keenya laaffisuuf yaalu. (2Qo 11:3) Fakkeenyaaf Asooronni saba Yihowaa abdii kutachiisuuf wanta hamma tokko dhugaa taʼee fi soba ija baasetti fayyadamaniiru. (2Se 32:10-15) Harʼas gantoonni maluma akkasiitti fayyadamu. Barumsa gantootaa akkamitti ilaaluu qabna? Akka summiitti ilaalaa! Matumaa hin dubbisinaa, isaaniif hin deebisinaa, ykn irratti hin yaadinaa. Odeeffannoowwan Yihowaa fi jaarmiyaa isaa akka shakkinu gochuuf qophaaʼan dafaa adda baasaa, akkasumas balleessaa!—Yihudaa 3, 4.

VIIDIYOO “AMANTII SANAAF JABAADHAA LOLAA”!—GABAABFAMEE KAN FUDHATAME, JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Weebsaayitii hawaasaa kan fayyadamnu yoo taʼe of eeggachuu kan qabnu maaliifi?

  • Gorsa Roomaa 16:17 irra jiru hordofuu kan dandeenyu akkamitti?