Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Maree Jalqabuudhaan Gammachuu Argadhaa

Maree Jalqabuudhaan Gammachuu Argadhaa

Karaa al idileetiin maree jalqabuun karaawwan gammachiisoo fi buʼaa qabeeyyii dhugaa itti baanu keessaa isa tokkodha. Taʼus, akkaataa yaada Kitaaba Qulqulluu itti dhiheessinu irratti garmalee kan xiyyeeffannu yoo taʼe marii jalqabuun nu sodaachisuu dandaʼa. Maal jettee dhugaa akka baatu garmalee yaaddaʼuu mannaa, nama sanaaf akka yaaddu agarsiisuuf carraaqi. (Mat 22:39; Flp 2:4) Yeroo maree gootutti waaʼee dhugaa ibsuuf carraa yoo argatte, meeshaaleen si gargaaruuf qophaaʼan hedduun jiru.

Meeshaaleen armaan gadiitti ibsaman mataduree maree keessan gidduutti kaʼe tokko irratti hundooftee dhugaa baʼuuf kan si gargaaran akkamitti?

VIIDIYOO ‘SIBIILLI SIBIILA QARA’MAREE JALQABUU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFII ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

Tarkaanfiiwwan sadan dandeettii maree jalqabuu keenya nuuf guddisan kamfaʼi?