Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Caamsaa 20-26

FAARFANNAA 40-41

Caamsaa 20-26

Faarfannaa 102 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Warra Kaan Gargaaruu kan Qabnu Maaliifi?

(Daq. 10)

Warra kaan gargaaruun nu gammachiisa (Fr 41:1; w18.08 22 key. 16-18)

Yihowaan namoota warra kaan gargaaran ni gargaara (Fr 41:2-4; w15 12/15 24 key. 7)

Yeroo warra kaan gargaarru, Yihowaan akka jajamu goona (Fr 41:13; Fak 14:31; w17.09 12 key. 17)

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Gumii koo keessa appilikeeshinii JW Library fayyadamuu irratti namni gargaarsi isa barbaachisu jiraa?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 40:5-10—Olaantummaan Yihowaa maal akka taʼe hubachuu fi fudhachuu ilaalchisee kadhannaa Daawit irraa maal baranna? (it-2-E 16)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) KARAA ALIDLEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama gammachuu waan qabu fakkaatu tokkoo wajjin marii jalqabi. (lmd barumsa 2 qabxii 3)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) KARAA ALIDLEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama waan gadde fakkaatu tokkoo wajjin marii jalqabi. (lmd barumsa 3 qabxii 5)

6. Barattoota Gochuu

(Daq. 5) lff barumsa 14 qabxii 6. Barataa gumii keessatti deebii kennuu sodaatu tokkoo wajjin mataduree kutaa “Qorannoo Dabalataa Godhi” jedhu jalatti argamuu fi “Gumii Keessatti Yihowaa Jajadhaa” jedhu irratti mariʼadhaa. (th qoʼannaa 19)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 138

7. Maanguddootaaf Wanta Gaarii Godhaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Yihowaan hojii maanguddoonni amanamoon gumii keessatti raawwatan hundumaa ni dinqisiifata. Nutis akkas gochuu qabna. (Ibr 6:10) Waggoota hedduudhaaf obboloota isaanii barsiisaa, leenjisaa fi jajjabeessaa turan. Atis tarii gargaarsa isaan siif godhan ni yaadata taʼa. Wanta isaan siif godhan hundaa fi wanta isaan gumii keessatti raawwachaa jiran akka dinqisiifattu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

VIIDIYOOObboloota Keenyaaf Wanta Gaarii Haa goonu’ jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Obboleessi Jiihoon, obboleessa Hoojiin kaangi irraa maal barate?

  • Obboloota maanguddoota gumii kee keessa jiran kan dinqisiifattu maaliifi?

  • Fakkeenya waaʼee nama Samaariyaa gaarummaa argisiisee irraa maal barachuu dandeenya?

  • Obboleessi Jiihoon, obboleessa Hoojiin kaangi yeroo gargaaretti obboloota kan hirmaachisuun isaa gaarii ture kan jettu maaliifi?

Wanta maanguddoota gumii keenya keessa jiraniif barbaachisu yommuu yaannu, Karaa itti isaan gargaaruu dandeenyu hedduu arganna. Gargaarsi akka barbaachisu yommuu argitu isaan gargaaruuf wanta gochuu dandeessu irratti yaadi.—Yaq 2:15, 16.

Galaatiyaa 6:10 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Maanguddoota gumii keessan keessa jiraniif “wanta gaarii gochuu’ kan dandeessan karaawwan kamiini?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 8 fi Kadhannaa