Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Caamsaa 27–Waxabajjii 2

FAARFANNAA 42-44

Caamsaa 27–Waxabajjii 2

Faarfannaa 86 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Barumsa Waaqayyoorraa Guutummaatti Fayyadamaa

(Daq. 10)

Hamma isiniif dandaʼame qaamaan argamuudhaan warra kaanii wajjin Yihowaa waaqeffadhaa (Fr 42:4, 5; w06-AM 6/1 9 key. 4)

Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu jalqabuu keessan dura kadhadhaa (Fr 42:8; w12 1/15 15 key. 2)

Dhugaa Kitaaba Qulqulluu jireenya keessan keessatti hojiirra oolchaa (Fr 43:3)

Barumsi Waaqayyoo qorumsa akka dandamannu jabina nuuf kenna, akkasumas waadaa yeroo of murteessinetti galle eegnee akka jiraannu nu gargaara.—1Ph 5:10; w16.09 5 key. 11-12.

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 44:19—Caqasa kanarratti ibsi “bakka sardiidonni jiraatan” jedhu maal argisiisa? (it-1-E 1242)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 4) MANAA GARA MANAA. Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 5 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 5) MANAA GARA MANAA. Haasaa sabaa torban sana dhihaatu irratti affeeri. Viidiyoo Galma Walgaʼii Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhamu beeksisiitii (garuu hin taphachiisin) irratti mariʼadhaa (lmd barumsa 7 qabxii 5)

6. Haasaa

(Daq. 3) lmd kutaa dabalataa A qabxii 4—Mataduree: Namni hundi fayyaa guutuu qabaata. (th qoʼannaa 2)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 21

7. Hojii fi Barumsa Ilaalchisee Murtoo Sirrii Godhaa

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Dargaggootaa, barumsa sadarkaa lammaffaa erga xumurtanii booda wanta gochuu dandeessan karoorfattaniittuu? Tarii hojii qajeelchaa taʼuuf isin dandeessisu yaadatti qabattaniittu taʼa. Yookiin ogummaa, ragaa barumsaa ykn dippiloomaa hojii akkasii argachuuf isin dandeessisu argachuuf barumsa dabalataa barachuuf yaadaa jirtu taʼa. Yeroon kun jireenya keessan keessatti yeroo murteessaadha! Taʼus filannoo hedduu isinii dhihaatuun kan kaʼe burjaajaʼuu dandeessu ykn warri kaan wanta isaan gammachiisu akka raawwattan dhiibbaa waan isin irratti godhaniif dhiphachuu dandeessu. Maarree murtoo sirrii gochuuf maaltu isin gargaara?

Maatewos 6:32, 33 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Hojii fi barumsa ilaalchisee murtoo gochuu keenya dura galma hafuuraa ifa taʼe sammuutti qabachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  • Warri Maatewos 6:32 fi 33 hojiirra akka oolchan ijoolleesaanii gargaaruu kan dandaʼan akkamitti?—Fr 78:4-7

Fedhiin qarshii hedduu ykn beekamtii argachuuf qabdan murtoo keessan irratti dhiibbaa akka hin goone of eeggadhaa. (1Yo 2:15, 17) Namni tokko qabeenya hedduu qabaachuunsaa qofti ergaa Mootummichaa akka hin dhageenye gufuu isatti taʼuu akka dandaʼu yaadadhu. (Luq 18:24-27) Namni tokko sooressa taʼuuf dhamaʼa taanaan amantii cimaa qabaachuu fi Yihowaa gammachiisuu irratti xiyyeeffachuu hin dandaʼu.—Mat 6:24; Mar 8:36.

VIIDIYOO Wantoota Badanitti Akka hin Amanamne Of Eeggadhaa!—Qabeenya jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 47 fi Kadhannaa