Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Caamsaa 6-12

FAARFANNAA 36-37

Caamsaa 6-12

Faarfannaa 87 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. “Namoota Hamootti hin Aarin”

(Daq. 10)

Hamoonni nu dhiphisuu fi nu rakkisuu dandaʼu (Fr 36:1-4; w17.04 10 key. 4)

Namoota hamootti aaruunis nu miidha (Fr 37:1, 7, 8; w22.06 10 key. 10)

Waadaa Yihowaan galetti amanamuun nagaa nuuf kenna (Fr 37:10, 11; w03-AM 12/1 13 key. 20)

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Oduuwwan gocha gara jabinaa argisiisaniif xiyyeeffannaa guddaa nan kennaa?’

2. Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 36:6—Faarfatichi qajeelummaan Yihowaa, “akka gaarota guguddoo ti” [ykn, ‘akka gaarreen Waaqayyooti,’ mil.] yommuu jedhu maal jechuu isaati? (it-2-E 445)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa namootaaf hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 3) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 1 qabxii 5)

5. Hordofii Gargaari

(Daq. 4) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama kanaan dura Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu dide tokko, Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatu affeeri. (lmd barumsa 9 qabxii 4)

6. Haasaa

(Daq. 5) ijwbv 45—Mataduree: Yaadni Faarfannaa 37:4 irra jiru Hiikni Isaa Maalidha? (th qoʼannaa 13)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 33

7. ‘Yeroo Rakkinaatiif’ Qophooftaniittuu?

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Obboloonnii fi obboleettonni addunyaa maratti argaman balaa uumamaa fi balaa nama tolcheetiin qabeenya isaanii dhabaniiruu, nama jaalatanis duʼaan dhabaniiru. (Fr 9:9, 10) Kan nama gaddisiisu, yeroo kamittiyyuu rakkinni nurra gaʼu dandaʼa. Kanaaf hundi keenyayyuu rakkina dandamachuuf qophaaʼuu qabna.

Wantoota yeroo balaatti itti fayyadamnu qopheeffachuu a malees balaa dandamachuuf maaltu nu gargaaruu dandaʼa?

  • Sammuu keenya qopheessuu: Balaan akka gaʼu amannee fudhachuu fi yeroo balaan gaʼutti maal gochuu akka dandeenyu yaaduu qabna. Qabeenya keessan garmalee hin jaallatinaa. Kana gochuun keessan qabeenya caalaa jireenya keessanii fi nageenya keessaniif dursa kennuudhaan, ogummaa fi hubannaadhaan tarkaanfii fudhachuudhaaf isin gargaara. (Uma 19:16; Fr 36:9) Kana malees balaa gaʼeen kan kaʼe qabeenya keessan yoo dhabdan, haala sana dandamachuu fi garmalee dhiphachuu dhiisuuf isin gargaara.—Fr 37:19

  • Amantii keessan cimsadhaa: Yihowaan isin kunuunsuuf dandeettii fi fedhii akka qabu amantii qabdan cimsadhaa. (Fr 37:18) Balaan gaʼuu isaa dura, Yihowaan tajaajiltoonni isaa waan qaban hundumaa dhabanii lubbuudhaan qofa yoo oolanillee akka isaan qajeelchuu fi akka isaan gargaaru guyyaa guyyaadhaan of yaadachiisaa.—Er 45:5; Fr 37:23, 24

Waadaa Yihowaan nuuf galerratti amantii cimaa qabaachuudhaan, “yeroo dhiphinaatti dallaa dhagaa” isa godhachuu dandeenya.—Fr 37:39.

VIIDIYOO Balaadhaaf Qophoofteettaa? jedhamu taphachiisi. Achiis, akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Yihowaan yeroo balaan gaʼutti kan nu gargaaru akkamitti?

  • Balaadhaaf qophaaʼuuf maal gochuu dandeenya?

  • Namoota balaan irra gaʼe gargaaruuf maal gochuu dandeenya?

8. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 57 fi Kadhannaa