Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waxabajjii 17-23

FAARFANNAA 51-53

Waxabajjii 17-23

Faarfannaa 89 fi Kadhannaa | Yaada Seensaa (Daq. 1)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

1. Dogoggora Cimaa Akka hin Raawwanneef Tarkaanfiiwwan Fudhachuu Dandeessu

(Daq. 10)

Namni hundi wanta gadhee raawwachuuf waan qoramuuf garmalee ofitti hin amanamin (Fr 51:5; 2Qo 11:3)

Barsiifata hafuuraa gaarii dhaabbataa taʼe qabaadhu (Fr 51:6; w19.01 15 key. 4-5)

Yaadaa fi fedhii qulqulluu hin taane mormi (Fr 51:10-12; w15 6/15 14 key. 5-6)

2. Dubbii Waaqayyoo Gadi Fageenyaan Qoruu

(Daq. 10)

  • Fr 52:2-4—Caqasoonni kun waaʼee gocha Doʼeeg maal ibsu? (it-1-E 644)

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa warra kaaniif hiruu barbaaddu akkamii argatte?

3. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

4. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) LALLABA ADDABAABAAYII. (lmd barumsa 7 qabxii 3)

5. Marii Jalqabuu

(Daq. 2) MANAA GARA MANAA. (lmd barumsa 4 qabxii 4)

6. Hordofii Gargaari

(Daq. 3) KARAA ALIDILEE TAʼEEN DHUGAA BAʼUU. Nama sana waaʼee maqaa Waaqayyoo barsiisi. (lmd barumsa 9 qabxii 5)

7. Barattoota Gochuu

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaa 115

8. Dogoggora Kee Sirreessuuf Tarkaanfii Fudhadhu

(Daq. 15) Mareedhaan kan dhihaatu.

Hundi keenyayyuu, hammamiyyuu yoo of eegganne dogoggora raawwachuun keenya hin oolu. (1Yo 1:8) Yeroo kanatti, qaaniin ykn rakkinni narra gaʼa jennee sodaachuun gargaarsaa fi dhiifamaaf gara Yihowaatti deebiʼuu irraa akka nu dhorku heyyamuu hin qabnu. (1Yo 1:9) Yeroo hundumaa, tarkaanfiin jalqabaa dogoggora keenya sirreessuuf nu gargaaru Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudha.

Faarfannaa 51:1, 2, 17 dubbisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Wanti Daawit dubbate, dogoggora cimaa yommuu raawwannutti Yihowaatti kadhannaa dhiheessuuf kan nu kakaasu akkamitti?

VIIDIYOO Jireenya Dargaggummaa Koo—Dogoggorawwan Koo Sirreessuu Kanan Dandaʼu Akkamitti? jedhamu taphachiisi. Achiis akkana jedhii dhaggeeffattoota gaafadhu:

  • Wantoonni Taaliyaa fi Jooseen dogoggora akka raawwatan isaan taasisan tokko tokko maalfaʼi?

  • Dogoggora isaanii sirreessuuf tarkaanfiiwwan akkamii fudhatan?

  • Akkas gochuun isaanii kan isaan fayyade akkamitti?

9. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii

Yaada Xumuraa (Daq. 3) | Faarfannaa 129 fi Kadhannaa