Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRATTI ARGATTAN GUDDIFADHAA

Qabxiilee Ijoo Fakkeenyaan Ibsaa

Qabxiilee Ijoo Fakkeenyaan Ibsaa

Yommuu deddeebii gaaffii goonu ykn Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisnu dhaggeeffattonni keenya qabxiilee ijoo akka hubatan gargaaru qabna. Qabxiilee ijoo fakkeenyaan ibsuudhaan, garaa isaanii tuquu fi barumsicha salphaatti akka yaadatan isaan gargaaruu dandeenya.

Yommuu deddeebii gaaffii gochuuf ykn Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf qophooftan, ibsawwan dabalataa utuu hin taʼin qabxiilee ijoo fakkeenyaan ibsuu barbaaddan adda baafadhaa. Fakkeenya salphaa wantoota guyyaa guyyaadhaan arginu irratti hundaaʼe filadhaa. (Mat 5:14-16; Mar 2:21; Luq 14:7-11) Akkaataa guddinaa fi haala dhaggeeffattootaa keessanii tilmaama keessa galchaa. (Luq 5:2-11; Yoh 4:7-15) Namni mariisistan qabxii tokko hubachuu isaatiin kan kaʼe gammaduu isaa yommuu argitan isinis ni gammaddu.

VIIDIYOO GAMMACHUU BARATTOOTA GOCHUUN ARGAMSIISU ARGADHAA—DANDEETTII KEESSAN FOOYYEEFFADHAA—QABXIILEE IJOO FAKKEENYAAN IBSUUDHAAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Barattoonni keenya caqasoota Kitaaba Qulqulluu hubachuuf gargaarsi kan isaan barbaachisu maaliifi?

  • Maartaan dhugaa Roomaa 5:12 irratti argamu fakkeenya akkamiitiin ibsite?

  • Fakkeenyi gaarii garaa namaa tuqa

    Fakkeenya gaarii fayyadamuun keenya dhaggeeffattoota keenya kan fayyadu akkamitti?

  • Tajaajila irratti, viidiyoowwan dabalatee meeshaalee jaarmiyaan Yihowaa akka ittiin barsiisnu nuuf qopheessetti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?