Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Adabni Jaalala Yihowaa Argisiisa

Adabni Jaalala Yihowaa Argisiisa

Adabni adda durummaadhaan qajeefamaa fi barumsa kennuu kan argisiisu taʼus, sirreeffama kennuu fi tarkaanfii irratti fudhachuus kan dabalatu dha. Yihowaan karaa isa duratti fudhatama qabuun isa waaqeffachuu akka dandeenyuuf adaba nuuf kenna. (Rom 12:1; Ibr 12:10, 11) Yeroo tokko tokko adaba nuuf kennamu fudhachuun ulfaataa taʼuu dandaʼa; taʼus adabni qajeelummaa fi eebba nuuf argamsiisa. (Fak 10:7) Namoonni adaba kennanis taʼe adaba fudhatan maal sammuutti qabachuu qabu?

Nama adaba kennu. Jaarsoliin, warrii fi namoonni kaan yommuu adaba kennanitti akkuma Yihowaa gaarummaa fi jaalala argisiisuuf carraaqqii guddaa gochuu qabu. (Er 46:28) Adabni cimaan illee haala isa irratti hundaaʼuudhaan, akkasumas jaalalaan kakaʼuudhaan kennamuu qaba.—Tit 1:13.

Nama adaba fudhatu. Adabni kan nuu kennamu karaa kamiin iyyuu haa taʼuu adaba sana fudhachuu diduu mannaa dafnee hojii irra oolchuu qabna. (Fak 3:11, 12) Namoota mudaa qabnu waan taaneef hundi keenya iyyuu adabni nu barbaachisa; adabni kun immoo karaa garaa garaatiin nuuf kennamuu dandaʼa. Wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisnu irraa ykn wanta walgaʼiiwwan gumii irratti dhageenyu irraa adaba argachuu dandeenya. Darbee darbee immoo obboloonni tokko tokko adabni koree murtii isaan barbaachisa. Adaba fudhachuun jireenya nuuf argamsiisa.—Fak 10:17.

VIIDIYOO “YIHOWAAN WARRA JAALLATU NI ADABA” JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Akkaataan guddinaa Kaanon maal fakkaata ture? Jireenyi isaa kan jijjiiramee hoo akkamitti?

  • Yihowaan jaalalaan adaba akkamii isaaf kenneera?

  • Adaba Yihowaan siif kennuuf dinqisiifanna qabaadhu

    Muuxannoo isaa irraa maal baranna?