Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Yihowaatti Kooluu Galaa

Yihowaatti Kooluu Galaa

Israaʼel keessatti namni utuu itti hin yaadin nama ajjeese baqatee kooluu akka itti galuuf magaalonni jaʼa qopheeffamanii turan (Lak 35:15; w17.11 9 key. 4)

Jaarsoliin Israaʼel dhimma kaʼu hundumaa irratti murtii kennu turan (Lak 35:24; w17.11 9 key. 6)

Magaalonni baqatanii kooluu itti galan eegumsa argamsiisu turan (Lak 35:25; w17.11 11 key. 13)

Akkuma namni utuu hin beekin nama ajeesse magaalaa baqatanii kooluu itti galan seenee eegumsa argachuuf aarsaa kaffalu nutis gara laafinaa fi araara Waaqayyoo irraa fayyadamuuf aarsaa kaaffaluu qabna.