Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dhuma ‘Guyyoota Dhumaatiif’ Qophaaʼoo Taʼaa

Dhuma ‘Guyyoota Dhumaatiif’ Qophaaʼoo Taʼaa

Yommuu dhuma “guyyoota dhumaa” keessa jiraannu rakkinni caalaatti akka dabaluu ni eegna. (2Xi 3:1; Mat 24:8) Yommuu balaan uumamu, yeroo baayʼee sabni Yihowaa qajeelfama yeroo isaatiif taʼuu fi lubbuu baraaruu argatu. Yeroo sanatti oolu kan dandeenyu tarii qajeelfama nuuf kennameef ajajamnee yeroo harʼaatti karaa hafuuraas taʼe karaa qaamaa yoo qophoofne dha.—Luq. 16:10.

  • Karaa hafuuraa qophaaʼaa: Barsiifata gaarii taʼe qabaadhaa. Mala tajaajilaa garaa garaa baradhaa. Yeroo muraasaaf obboloota gumii keessan keessa jira irra yoo adda baatan hin sodaatinaa. (Isa 30:15) Matuma Yihowaa fi Yesuus irraa adda hin baatan.—od-AM 176 key. 15-17

  • Karaa qaamaa qophaaʼaa: Maatiiwwan hundi borsaa miʼoota yeroo balaatiif barbaachisan qabateen alatti, nyaata gaʼaa taʼe, bishaan qulqulluu, qorichaa fi wantoota kana fakkaatan qopheeffachuu qabu; tarii yeroo sanatti bakka tokkotti yeroo dheeraadhaaf turuun isaan barbaachisuu dandaʼa.—Fak 22:3; g17.5 4, 6

VIIDIYOO BALAAWWAN UUMAMAATIIF QOPHOOFTANIITTUU? JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Balaawwan uumamaatiif karaa hafuuraa qophaaʼuu kan dandeenyu akkamiitti?

  • Wantoota armaan gadii gochuu kan qabnu maaliifi?

    • Akka gaariitti jaarsolii wajjin wal qunnamuu

    • Borsaa miʼoota yeroo balaan gaʼutti nu barbaachisan qabate qopheeffachuu

    • Balaawwan gaʼuu dandaʼan maalfaa akka taʼanii fi wanta yeroo balaan sun gaʼu gochuu qabnu irratti mariʼachuu

  • Karaawwan sadan yommuu balaan gaʼu warra kaan gargaaruu itti dandeenyu kamfaʼi?

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Qophaaʼoo taʼuu ilaalchisee weerara dhukkuba COVID-19 irraa barumsa akkamii argadheera?’