AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Maatii Keessatti Jaalala Argisiisaa
Jaalalli haphee maatii walitti qabsiisuu dha. Yoo jaalalli jiraachuu baate maatiin tokko tokkummaa qabachuu fi waltaʼiinsaan hojjechuun isatti ulfaata. Abbootiin manaa, haadhotiin manaa fi warri maatii keessatti jaalala argisiisuu kan dandaʼan akkamitti?
Abbaan manaa jaalala qabeessa taʼe fedhii, ilaalchaa fi miira haadha manaa isaatiif xiyyeeffanna kenna. (Efe 5:28, 29) Waaqeffannaa Maatii dhaabbataa taʼe qabaachuu dabalatee, wanta karaa hafuuraas taʼe karaa qaamaa maatii isaatiif barbaachisu ni dhiheessa. (1Xi 5:8) Haati manaa jaalala qabeettii taate abbaa manaa ishiitiif ni bitamti, akkasumas “ulfina guddaa” isaaf kenniti. (Efe 5:22, 33; 1Ph 3:1-6) Hiriyoonni gaaʼelaa tola dhiifama waliif gochuuf fedhii qabaachuu qabu. (Efe 4:32) Warri jaalala qabeeyyii taʼan dhuunfaatti tokkoon tokkoon ijoollee isaaniitiif xiyyeeffannaa kennu, akkasumas Yihowaa akka jaallatan isaan barsiisu. (Kes 6:6, 7; Efe 6:4) Mana barumsaatti qorumsi akkamii ijoollee isaanii mudachaa jira? Ijoolleen isaanii dhiibbaa hiriyaa dandamachaa kan jiran akkamitti? Maatii keessatti yommuu jaalalli dagaagu, miseensonni maatii hundi nagaa fi tasgabbii qabaatu.
VIIDIYOO MAATII KEESSAN KEESSATTI JAALALA HIN BADNE ARGISIISAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Abbaan manaa jaalala qabeessa taʼe haadha manaa isaa kan sooruu fi iddoo guddaa kan ishiidhaaf kennu akkamitti?
-
Haati manaa jaalala qabeettii taate abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa akka qabdu kan argisiistu akkamitti?
-
Warri jaalala qabeeyyii taʼan Dubbii Waaqayyoo garaa ijoollee isaanii keessatti kan bocan akkamitti?