AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Dhugaatii Alkoolii Ilaalchisee Murtoo Gaarii Godhi
Dhugaatii alkoolii wajjin haala wal qabateen Kiristiyaanonni hundi of toʼachuu qabu. (Fak 23:20, 29-35; 1Qo 6:9, 10) Kiristiyaanni tokko dhugaatii alkoolii dhuguuf yoo filate, hamma isaa irra darbuu hin qabu. Akkasumas araada alkoolii irraas taʼe namoota gufachiisuu irraa fagaachuu qaba. (1Qo 10:23, 24; 1Xi 5:23) Dhugaatii alkoolii akka dhugu nama kam irratti iyyuu, keessattuu dargaggoota irratti dhiibbaa gochuu hin qabnu.
VIIDIYOO GABATEE ANIMEESHINII ADII DHUGAATII ALKOOLII DHUGUU KEE DURA ITTI YAADI JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Alkoolii dhuguu ilaalchisee Kiristiyaanonni hundi seera kabajuu kan qaban maaliifi?—Rom 13:1-4
-
Namoonni kaan dhugaatii alkoolii akka dhugnu dhiibbaa akka nu irratti godhan heyyamu kan hin qabne maaliifi?—Rom 6:16
-
Dhugaatii alkoolii wajjin haala wal qabateen haala rakkisaa nu mudatu mooʼuu kan dandeenyu akkamitti?