Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | Gammachuu Tajaajila Irratti Argattan Guddifadhaa

Miira Hoʼaadhaan Barsiisaa

Miira Hoʼaadhaan Barsiisaa

Miirri hoʼaan nama tokko irra gara nama biraatti ni darba. Xiyyeeffannaa dhaggeeffattoota keenyaa harkisuu dandaʼa. Ergaa keenyaaf iddoo guddaa akka kenninus ni argisiisa. Akkaataan guddinaa keenya fi namummaan keenya kan akkamii iyyuu haa taʼu, miira hoʼaa qabaachuu ni dandeenya. (Rom 12:11) Akkamitti?

Tokkoffaa, ergaan keessan hammam barbaachisaa akka taʼe yaadaa. ‘Wantoonni gaggaariin akka dhufan misiraachoo labsuuf’ mirga argattaniittu. (Rom 10:15) Lammaffaa, dhiibbaa gaarii misiraachichi dhaggeeffattoota keessan irratti qabaachuu dandaʼu irratti xiinxalaa. Wanta isin dubbattan dhagaʼuun isaan barbaachisa. (Rom 10:13, 14) Sadaffaa, ibsa qaamaa fi fuulaa sirrii taʼetti fayyadamuudhaan hinaaffaadhaan dubbadhaa.

VIIDIYOO GAMMACHUU BARATTOOTA GOCHUUN ARGAMSIISU ARGADHAA—DANDEETTII KEESSAN FOOYYEFFADHAA—MIIRA HOʼAADHAAN BARSIISUUDHAAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Maartaan qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Saaraa wajjin gootu irratti wanti miira hoʼaa qabdu jalaa hirʼise maali dha?

  • Maartaan deebistee miira hoʼaa akka qabaattu wanti ishii gargaare maali dha?

  • Miirri hoʼaan nama tokko irra gara nama biraatti ni darba

    Amala gaarii dhaggeeffattonni keenya qaban irratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliifi?

  • Miira hoʼaa qabachuun keenya barattoota keenyas taʼe warra kaan fayyaduu kan dandaʼu akkamitti?