Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Ijoolleen Keessan Kiristoos Duuka Akka Buʼan Gargaaraa

Ijoolleen Keessan Kiristoos Duuka Akka Buʼan Gargaaraa

Warri Kiristiyaana taʼan ijoolleen isaanii ‘of gananii, muka dhiphinaa isaanii baatanii yeroo hunda Yesuus duukaa yommuu buʼan’ arguu caalaa wanti isaan gammachiisu hin jiru. (Mar 8:34; 3Yo 4) Warri, ijoolleen isaanii Yesuus duuka akka buʼan, jireenya isaanii Yihowaadhaaf akka murteessanii fi akka cuuphaman gargaaruuf maal gochuu dandaʼu? Ijoolleen tarkaanfii barbaachisaa ta’e kana fudhachuuf, jechuunis cuuphamuuf qophaa’oo akka ta’an wantoonni argisiisan tokko tokko maalfa’i?

Kitaaba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaaʼuu (Amaariffa) jedhamu irraa mata duree “Abbaa fi Haadha Kiristiyaanota Taʼaniif” jedhuu fi fuula 165-166 irratti argamu erga dubbistanii booda gaaffiiwwan kanaa gadii irratti mariʼadhaa:

  1. Barataa jechuun maal jechuu dha?

  2. Warri ijoollee isaanii maal barsiisuu qabu?

  3. Ijoolleen cuuphamuuf gaʼeessota akka taʼaniif, caqasawwan kanaa gadi jiran hamma humna isaanii hojii irra oolchuu kan dandaʼan akkamitti?