Obbolootaa fi obboleettota walgaʼii biyyoolessaa bara 2014tti, Niiwu Jarsii, Yunaayitid Isteetisitti geggeeffame irratti argaman

BARREEFFAMA QO'ANNAA WALGA'II JIREENYAA FI TAJAAJILA KIRISTIYAANAA Ebla 2016

Ittiin Lixa

Yaada barruulee Masaraa Eegumsaa fi kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu kennuuf gargaaru. Fakkeenya kennametti fayyadamii akkaataa dhiheenyaa mataa kee qopheeffadhu.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Jechoota Gaarummaa Argisiisaniin Warra Kaan Jajjabeessaa!

Michoonni Iyoob sadan isa jajjabeessuu mannaa, dubbii gaarummaa hin qabnee fi ceephoo sobaa isatti dubbachuudhaan dhiphina isatti dabalan. (Iyoob 16-20)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Mata Duree Haaraa Maree Jalqabuuf Gargaaru

Mata duree haaraa “Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?” jedhutti fayyadamuudhaan Kitaaba Qulqulluu irratti maree jalqabaa.

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Iyoob Yaada Dogoggoraa Moʼeera

Soba Seexanni babalʼisuu fi ilaalcha Yihowaan nuuf qabu wal bira qabii ilaali. (Iyoob 21-27)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Iyoob Amanamummaa Eeguu Ilaalchisee Fakkeenya Taʼa

Iyoob ulaagaa naamusaa Yihowaa eeguu fi haqa isaa hordofuuf murteessee ture. (Iyoob 28-32)

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Michuun Dhugaa Gorsa Nama Jajjabeessu Namaa Kenna

Akkaataa Eliihuun jaalalaan Iyoobiin itti qabe hordofaa. (Iyoob 33-37)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

Duula Afeerrii Walgaʼii Naannoo

Wantoota waraqaa afeerrii walgaʼii naannoo Dhugaa Baatota Yihowaa yommuu raabsitan sammuutti qabachuu qabdan. Ittiin lixa isaa shaakalaa.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yaadachiisawwan Walgaʼii Naannoo

Karaawwan walgaʼii naannoo irratti jaalala namootaaf qabdan itti argisiistan irratti yaadaa.