Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ittiin Lixa

Ittiin Lixa

MASARAA EEGUMSAA

Gaaffii: Yaada caqasa kana irra jiru beektaa?

Caqasa: Yoh 3:16

Barreeffamicha Kennuuf: Maxxansi Masaraa Eegumsaa kun Yesus dhiphachuu fi duʼuun isaa akkamitti akka si fayyaduu dandaʼu ibsa.

MASARAA EEGUMSAA (fuula dhumaa)

 

Gaaffii: Mee gaaffii kanaaf deebiiwwan yeroo baayʼee kennaman qalbeeffadhu. [Gaaffii jalqabaa fi deebiiwwan kennaman sadan dubbisi.] Ati hoo maal jetta?

Caqasa: Mat 4:1-4

Barreeffamicha Kennuuf: Diiyaabilos Yesusii wajjin kan dubbatee fi kan isa qore erga taʼee, Diiyaabilos amala hammeenyaa qofa miti jechuu dha. Kitaabni Qulqulluun Diiyaabilosiin ilaalchisee wanta ibsu kan biraa qabaa? Mata dureen kun dhimma kana irratti ibsa balʼaa kenna.

Barumsa Macaafa Qulqulluu

Gaaffii: Namoonni Waaqayyootti amanan hedduun gara isaatti akka dhihaatan isaanitti dhagaʼama. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyootti akka dhihaannu kan nu afeeru taʼuu isaa beektaa?

Gaaffii: Yaq 4:8a

Barreeffamicha Kennuuf: Kitaabni kun Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan waaʼee Waaqayyoo caalaatti barachuuf akka nu gargaaruuf kan qophaaʼe dha. [Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu boqonna 1 ibsi.]

ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU

 

Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi