Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

Duula Afeerrii Walgaʼii Naannoo

Duula Afeerrii Walgaʼii Naannoo

Waggaa waggaadhaan, nyaata hafuuraa walgaʼii naannoo keenya irratti argannu hawwii guddaadhaan eegganna. Namoonni kaanis nuu wajjin argamanii gaarummaa Yihowaa dhandhamanii akka ilaalaniif hamma nuu dandaʼame namoota hedduu afeerra. (Far 34:8) Qaamni jaarsolii waraqaa afeerrii kana raabsuuf mala akkamiitti utuu fayyadamnee gaarii akka taʼe ni murteessa.

WANTOOTA IRRATTI YAADUU QABDU

  • Walgaʼiin naannoo koo yoomi?

  • Gumiin keenya waraqaa afeerrii raabsuu kan jalqabu yoomi?

  • Walgaʼiin tajaajila dirree gumii yoom godhama?

  • Duulichaaf karoora akkamii baafadheera?

  • Eenyufaan afeeruuf karoorfadhe?

WANTA JECHUU DANDEESSU

Erga nagaa gaafattee booda akkana jechuu dandeessa:

“Namoonni qophii adda taʼe tokko irratti akka argaman afeeruuf addunyaa maratti waraqaa afeerrii kana raabsaa jirra. Guyyaa, saʼaatii fi iddoon isaa waraqaa kana irratti ibsameera. Nu wajjin utuu argamtee nutti tola.”

NAMOOTA FEDHII ARGISIISAN GARGAARUU KAN DANDEESSU AKKAMITTI?

Hamma nuuf dandaʼame namoonni hedduun walgaʼii naannoo irratti akka argaman kan afeerru taʼus, namoota fedhii argisiisan gargaaruuf dammaqoo taʼuu qabna.

Sanbadduraa fi Dilbata, waraqaa afeerrii wajjin barruulee kennuu dandeessu.