Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | IYOOB 33-37

Michuun Dhugaa Gorsa Nama Jajjabeessu Namaa Kenna

Michuun Dhugaa Gorsa Nama Jajjabeessu Namaa Kenna

Qabiyyeen gorsa Eliihuun kennees taʼe akkaataa inni itti Iyoobiin qabe kan Eliifaaz, kan Biildaadii fi kan Zofaar irraa guutummaatti adda ture. Eliihuun michuu dhugaa, nama gorsa gaarii kennuu fi fakkeenyi isaa hordofamuu qabu akka taʼe mirkaneesseera.

AMALAWWAN GORSA BUʼA QABEESSA TAʼE KENNUUF GARGAARAN

ELIIHUUN FAKKEENYA GAARII NUUF KAAʼEERA

32:4-7, 11, 12; 33:1

 

  • OBSA

  • XIYYEEFFANNAADHAAN DHAGGEEFFACHUU

  • ULFINA KENNUU

 
  • Eliihuun hanga namoonni guguddaan dubbatanii xumuranitti obsaan eegeera

  • Gorsa kennuu isaa dura dhimma isaa xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatee akka gaariitti hubachuuf yaalii godheera

  • Iyoobiin maqaadhaan waameera; akka michuu isaattis itti dubbateera

 

33:6, 7, 32

 

  • GAD OF QABUU

  • KAN SALPHAATTI ITTI DHIHAATAMU TAʼUU

  • RAKKINA NAMOOTAA AKKA KAN OFIITTI ILAALUU

 
  • Eliihuun mudaa kan qabu taʼuu isaa amanuudhaan, kan gad of qabuu fi nama gaarii taʼuu isaa argisiiseera

  • Dhiphina Iyoob akka kan isaatiitti ilaaleera

 

33:24, 25; 35:2, 5

 

  • ILAALCHA MADAALAMAA QABAACHUU

  • GAARUMMAA

  • WAAQAYYOON TILMAAMAA KEESSA GALCHUU

 
  • Eliihuun ilaalchi isaa sirrii akka hin taane gaarummaadhaan Iyoobiin hubachiiseera

  • Eliihuun wanti iddoon guddaan kennamuufii qabu qajeelummaa isaa akka hin taane akka hubatu Iyoobiin gargaareera

  • Gorsi gaariin Eliihuun Iyoobiif kenne, qajeelfama dabalataa Yihowaa irraa argatu akka fudhatuuf isa qopheesseera