Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yaadachiisawwan Walgaʼii Naannoo

Yaadachiisawwan Walgaʼii Naannoo

Akkuma yeroo kaanii, tibba walgaʼii naannoottis jaalala Waaqayyoo fi namootaaf qabnu argisiisuu barbaanna. (Mat 22:37-39) Qorontos Isa Duraa 13:4-8 wantoota jaalalli raawwatu ibsa: “Jaalalli obsaa dha, gaarummaas ni argisiisa. . . . amala sirrii hin taane hin argisiisu, faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu, hin aaru. . . . Jaalalli matumaa hin badu.” Viidiyoo Yaadachiisawwan Walgaʼii Naannoo jedhamu yommuu ilaaltan, karaawwan walgaʼii naannoo irratti jaalala namootaaf qabdan itti argisiistan irratti yaadaa.

HAALA ARMAAN GADII KEESSATTI JAALALA ARGISIISUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Yommuu teessuma qabannu.

  • Yommuu muuziqaan sagantichi jalqabuu isaa beeksisu dhagaʼamu.

  • Magaalaa walgaʼiin naannoo sun itti godhamu keessatti iddoo boqonnetti.

  • Tajaajila fedhaa kennuudhaan.