Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Mata Duree Haaraa Maree Jalqabuuf Gargaaru

Mata Duree Haaraa Maree Jalqabuuf Gargaaru

Amajjii 2016 jalqabee, fuula dhumaa Masaraa Eegumsaa irratti mata duree haaraan “Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?” jedhu ni baʼa. Mata duree haaraan kun kan qophaaʼe yaadawwan Kitaaba Qulqulluu irratti maree jalqabuuf akka gargaaruufi dha. Akkaataan itti qophaaʼe akkaataa tiraaktonni keenya itti qophaaʼanii wajjin wal fakkaata. Gaaffii ilaalchaa, deebii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼee fi qabxiilee maree dabalataa gochuuf gargaaran kan qabate dha.

Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu irratti maree gammachiisaa gochuun gara qoʼannaatti ceʼuuf gargaara. Mata duree haaraa kanatti fayyadamuudhaan namoonni fedhii hafuuraa isaanii akka guuttatan gargaaraa.—Mat 5:6.

ITTI FAYYADAMUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  1. Gaaffiiwwan dhihaatan keessaa tokko gaafadhu

  2. Isa dhaggeeffadhu, deebii inni kennuufis isa galateeffadhu

  3. Caqasa mata duree “Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?” jedhu jala jiru dubbisi; achiis caqasicha irratti yaada inni qabu gaafadhu. Yoo yeroo qabaate, mata duree “Wanta Dabalataa Kitaaba Qulqulluu Irraa Barannu” jedhutti fayyadamuudhaan maricha itti fufi

  4. Barruu sana kenniif

  5. Deebitee dhaquuf haala mijeessi; achiis gaaffii isa lammaffaa irratti mariʼadhaa