BARREEFFAMA QO'ANNAA WALGA'II JIREENYAA FI TAJAAJILA KIRISTIYAANAA Ebla 2017
Ittiin Lixa
Ittiin lixa Dammaqaa! fi waaʼee Mootummaa Waaqayyoo dhugaa isaa barsiisuuf gargaaru. Yaadawwan kana irratti hundaaʼiitii ittiin lixa mataa kee qopheeffadhu.
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Yihowaan Ilaalchaa fi Amala Keessan Akka Sirreessu Heyyamaa
Yihowaa inni Suphee Dhooftuun Guddaa taʼe amalli keenya akka fooyyaʼu godha; nuti garuu gama keenyaan wanta nu irraa barbaadamu gochuu qabna.
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Miira Hoʼaadhaan Isaan Simadhaa
Namoonni walgaʼii keenya irratti argaman jaalalli isaanitti argisiifamuu qaba. Ati hoo gama keetiin haalli akkasii akka jiraatu gumaacha gochuu kan dandeessu akkamitti?
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
‘Garaa Ittiin’ Yihowaa ‘Beektan’ Qabduu?
Yihowaan, Ermiyaas 24 irratti namoota harbuutti fakkeesseera. Warri harbuu gaariitti fakkeeffaman eenyufaʼi?
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Kiristiyaana Duubatti Deebiʼe Gargaaruu ni Dandeessu
Kiristiyaanonni duubatti deebiʼan Yihowaa duratti iddoo guddaa qabu. Gara gumiitti akka deebiʼan isaan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Akkuma Ermiyaas Ija Jabeeyyii Taʼaa
Ermiyaas waggaa 40f Yerusaalem akka balleeffamtu raajii dubbachaa ture. Ija jabinaan itti fufuu kan dandaʼe akkamitti?
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Faarfannaawwan Mootummichaa Ija Jabina Akka Qabaannu Nu Gargaaru
Faarfannaawwan Mootummichaa faarfachuun obboloota Zaaksanhaawuzanitti hidhamanii turan jajjabeeffamaniiru. Faarfannaawwan kun rakkina moʼuuf nu gargaaru.
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Yihowaan Kakuu Haaraan Akka Hundeeffamu Dursee Raajii Dubbateera
Kakuu haaraan kakuu Seerichaa irraa adda kan taʼe akkamitti? Faayidaa bara baraa kan argamsiisu hoo akkamitti?