Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ittiin Lixa

Ittiin Lixa

DAMMAQAA!

Gaaffii: Yeroo ammaatti, fiilmii fi sagantaawwan televizyinii irratti gochawwan humnoota addaatiin raawwataman ilaaluun baramaa taʼaa dhufeera. Ati hoo maal jetta? Wantoonni kun bashannanawwan miidhaa hin geessisne moo karaa hin beekamneen miidhaa kan geessisan sitti fakkaata?

Barreeffamicha Kennuuf: Barruun Dammaqaa! kun gochawwan humnoota addaatiin raawwataman qalbii namoota hedduu kan hawwatan maaliif akka taʼee fi wanti gochawwan humnoota addaatiin raawwataman kana duuba jiru maal akka taʼe ibsa.

DHUGAA BARSIISAA

Gaaffii: Mootummaan Waaqayyoo rakkina addunyaa kana irra jiruuf furmaata kan kennu akkamitti?

Caqasa: Mat 6:10

Dhugaa: Mootummaan Waaqayyoo akkuma samii irratti godhe lafa irrattis nagaa, tokkummaa fi tasgabbii fida.

MOOTUMMAAN WAAQAYYOO MAALIDHA? (Deddeebii gaaffii)

Gaaffii: [Gaaffii duuba tiraaktichaa irratti argamu irratti xiyyeeffadhu.] Bulchiinsa Mootummaa Waaqayyoo jalatti jireenyi maal fakkaata?

Caqasoota: Far 37:29; Isa 65:21-23

Barreeffamicha Kennuuf: [Birooshura Misiraachoo jedhamu itti argisiisi.] Barumsi 7ffaan birooshura kana irra jiru, abdiin kun anaa fi siif faayidaa akkamii akka qabu ibsa. [Birooshurichatti fayyadamii Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisi.]

ITTIIN LIXA MATAA KEE QOPHEEFFADHU

Ittiin lixa mataa kee qopheeffachuuf haala fakkeenyonni armaan olii ittiin qophaaʼan hordofi