Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Kiristiyaana Duubatti Deebiʼe Gargaaruu ni Dandeessu

Kiristiyaana Duubatti Deebiʼe Gargaaruu ni Dandeessu

Ayyaana Yaadannoo Kibxata, Ebla 3, 2009 (Ebla 11, 2017) kabajamu irratti Kiristiyaanota dubbatti deebiʼan hedduutu argama. Dorgommii fiigicha jireenyaa jalqabanii kan turan taʼanis, sababii garaa garaatiin fiigicha isaanii dhaabaniiru; sababiiwwan kana keessaa muraasni isaanii birooshura Gara Yihowaatti Deebiʼi jedhamu irratti ibsamaniiru. (Ibr 12:1) Taʼus, namoonni duubatti deebiʼan kun Yihowaa isa dhiiga Ilma isaatiin isaan bite biratti iddoo guddaa qabu. (HoE 20:28; 1Ph 1:18, 19) Namoonni kun gara gumiitti akka deebiʼan akkamitti gargaaruu dandeenya?

Akkuma tikseen tokko abdii utuu hin kutatin hoolota tuuta keessaa badan barbaadu, jaarsoliin gumiis Kiristiyaanota duubatti deebiʼan barbaadanii gargaaruuf carraaqqii godhu. (Luq 15:4-7) Kun immoo jaalalaa fi kunuunsa Yihowaa kan argisiisu dha. (Er 23:3, 4) Jaarsolii qofa utuu hin taʼin hundi keenya iyyuu namoota akkasii jajjabeessuu dandeenya. Carraaqqiin miira isaanii hubachuuf goonuu fi gaarummaan argisiisnu Yihowaa ni gammachiisa; nuufis gammachuu guddaa argamsiisa. (Fak 19:17; HoE 20:35) Kanaaf, eenyuun jajjabeessuu akka dandeessan yaadaa; utuu hin turinis tarkaanfii fudhadhaa!

VIIDIYOO WARRA DUUBATTI DEEBIʼAN GARGAARAA JEDHU ILAALI, ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALI:

  • Abiin dubartii hin beeknee fi Dhugaa Baatuu taate tokko yommuu argattu maal goote?

  • Nama duubatti deebiʼe gargaaruuf yommuu yaannu jaarsolii mariisisuu kan qabnu maaliifi?

  • Abiin yeroo lammataatiif Laawuraa daawwachuuf qophii akkamii goote?

  • Laawuraa jajjabeessuuf yommuu carraaqqii gootu abdii akka hin kutanne, obsaa fi jaalala kan argisiiste hoo akkamitti?

  • Fakkeenya Yesuus Luqaas 15:8-10 irratti dubbate irraa barumsa akkamii arganna?

  • Carraaqqiin Laawuraa gargaaruuf taasifame eebba akkamii argamsiise?