Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ERMIYAAS 25-28

Akkuma Ermiyaas Ija Jabeeyyii Taʼaa

Akkuma Ermiyaas Ija Jabeeyyii Taʼaa

Ermiyaas, Yerusaalem akkuma Shiiloo akka balleeffamtu akeekkachiise

26:6

  • Saanduqni kakuu, Yihowaan jiraachuu isaa argisiisu Shiiloo keessa ture

  • Yihowaan, Filisxeemonni Saanduqicha akka boojiʼan heyyame; sana booda Saanduqichi matumaa gara Shiilootti hin deebifamne

Luboonni, raajonnii fi namoonni, Ermiyaasiin ajjeesuuf yaalan

26:8, 9, 12, 13

  • Sabichi, Ermiyaas Yerusaalemii fi manni qulqullummaa ishii akka badu raajii waan dubbateef isa qabe

  • Ermiyaas garuu dubbachuu isaa hin dhiisne; akkasumas hin baqanne

26:16, 24

Yihowaan Ermiyaasiif eegumsa godheera

  • Ermiyaas ija jabina argisiisuu isaa itti fufeera, Yihowaanis isa hin dhiisne

  • Waaqayyo, Ermiyaas isa ija jabeessaaf eegumsa akka godhuuf Ahiiqaamiin kakaase

Ermiyaas gargaarsaa fi jajjabina Yihowaa biraa argateen ergaa namoota hedduu biratti fudhatama hin qabne waggaa 40f labsuu dandaʼeera