Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Faarfannaawwan Mootummichaa Ija Jabina Akka Qabaannu Nu Gargaaru

Faarfannaawwan Mootummichaa Ija Jabina Akka Qabaannu Nu Gargaaru

Phaawulosii fi Siilaas yommuu mana hidhaa keessa turan faarfannaadhaan Waaqayyoon jajataniiru. (HoE 16:25) Bara keenyattis obboloonni hidhata amantii keenya taʼan mana hidhaa Naazii Jarman Zaaksanhaawuzanitti hidhamanii turanii fi Saayibeeriyaatti geeffaman faarfannaawwan Mootummichaa ni faarfatu turan. Fakkeenyonni kun, faarfannaan Kiristiyaanota qorumsi isaan irra gaʼaa jiruuf ija jabina guddaa akka argamsiisu ibsu.

Yeroo dhihootti kitaabni faarfannaa haaraan mata duree, Yihowaadhaaf ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’ jedhamu afaanota dabalataa hedduudhaan ni qophaaʼa. Kitaabichi akkuma nu gaʼeen faarfannaawwan sana waaqeffannaa maatii keenya irratti shaakaluu fi walaloo isaanii sammuutti qabachuuf carraaqqii gochuu dandeenya. (Efe 5:19) Akkana kan goonu taanaan, yeroo qorumsi nu mudatu hafuurri qulqulluun faarfannaawwan kana akka yaadannu nu gargaara. Faarfannaawwan Mootummichaa abdii keenya irratti akka xiyyeeffannu nu gargaaru. Yommuu qorumsi nu mudatu ija jabina akka qabaannu nu gargaaru. Miirri gaariin yommuu nutti dhagaʼamu walaloowwan isaanii garaa keenyaa ‘gammachuudhaan akka faarfannu’ nu kakaasu. (1Sen 15:16; Far 33:1-3) Kanaaf, faarfannaawwan keenyatti akka gaariitti fayyadamuuf wanta dandeenyu hundaa haa goonu!

VIIDIYOO FAARFANNAA NAMOOTA HOJII HUMNAA HOJJETAN JAJJABEESSE JEDHAMU ILAALI. ACHIIS GAAFFIIWWAN ARMAAN GADIITIIF DEEBII KENNUUF YAALI:

  • Obboleessi keenya Firoosti faarfannaa akka qopheessu kan isa kakaase maali dha?

  • Faarfannichi obboloota mana hidhaa Zaaksanhaawuzan keessa jiran kan jajjabeesse akkamitti?

  • Faarfannaawwan Mootummichaa haalawwan guyyaa guyyaadhaan si mudatan akkamii keessatti si gargaaruu dandaʼu?

  • Faarfannaawwan Mootummichaa keessaa warra kam sammuutti qabachuu barbaadda?