Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | ERMIYAAS 17-21

Yihowaan Ilaalchaa fi Amala Keessan Akka Sirreessu Heyyamaa

Yihowaan Ilaalchaa fi Amala Keessan Akka Sirreessu Heyyamaa

Yihowaan akka si sirreessu heyyami

18:1-11

  • Yihowaan gorsa kennuudhaan ykn adabaan amalli keenya akka fooyyaʼu godha

  • Kan ajajamnuu fi salphaatti jijjiiramuuf kan qophoofne taʼuu qabna

  • Yihowaan wanta kam iyyuu fedha keenyaan ala akka raawwannu nu hin dirqisiisu

Namni suphee dhaʼu haala itti suphicha tolchu ilaalchisee yaada isaa jijjiiruu ni dandaʼa

  • Yihowaan mirga filannaa waan nuu kenneef, sirreeffama inni nuuf kennu fudhachuus taʼe diduu ni dandeenya

  • Yihowaan qajeelfama inni isaaniif kennuuf deebii namoonni kennan irratti hundaaʼee haala itti isaan qabu irratti jijjiirama godha

Yihowaan akka na sirreessu kanan barbaadu karaawwan kamiini?