Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ebla 16-22

MAARQOS 1-2

Ebla 16-22

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

  • Cubbuun Kee Siif Dhiifameera”: (Daq. 10)

    • [Viidiyoo Beeksisa Kitaaba Maarqos jedhamu taphachiisi.]

    • Mar 2:3-5—Yesuus gara laafinaan kakaʼee cubbuu nama lamshaaʼee ture tokkoo dhiifama godheera (jy 67 key. 3-5)

    • Mar 2:6-12—Yesuus nama lamshaaʼee ture fayyisuudhaan cubbuu namaatiif dhiifama gochuuf aangoo akka qabu mirkaneesseera (“salphata” qabxii qoʼannaa Mar 2:9, nwtsty-AM)

  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)

    • Mar 1:11—Wanti Yihowaan Yesuusitti dubbate hiika maalii qaba? (“sagaleen tokko samii irraa dhufee,” ‘Ati Ilma koo ti,ʼ “ani sitti nan gammada” qabxiiwwan qoʼannaa Mar 1:11, nwtsty-AM)

    • Mar 2:27, 28—Yesuus ‘Gooftaa Sanbataa’ jedhee kan of waame maaliifi? (‘Gooftaa Sanbataa’ qabxii qoʼannaa Mar 2:28, nwtsty-AM)

    • Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal si barsiise?

    • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa kan biraa akkamii argatte?

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Mar 1:1-15

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

  • Dhugaa Baʼuu: (Daq. 2 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼutti fayyadamuudhaan jalqabi. Yaada mormii naannoo keessanitti baramaa taʼe tokkoof deebii kenni.

  • Deddeebii Gaaffii Jalqabaa: (Daq. 3 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼutti fayyadami.

  • Deddeebii Gaaffii LammaffaaViidiyoo: (Daq. 5) Viidiyicha taphachiisiitii irratti mariʼadhaa.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

  • Faarfannaa 44

  • “Ani Namoota Qajeeloo Utuu hin Taʼin, Cubbamoota Waamuufan Dhufe”: (Daq. 7) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo Mana Hidhaatii Gara Badhaadhinaatti jedhamu taphachiisi. Achiis gaaffiiwwan kanaa gadii gaafadhu: Doonaaldi gammachuu dhugaa akka argatu maaltu isa gargaare? Yommuu lallabnu namoota wal caalchisuu irraa fagaachuudhaan fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?—Mar 2:17.

  • Yihowaan Araarri Isaa ‘Guddaa Dha’: (Daq. 8) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo Yihowaa, Ani Siif Dursa nan Kenna jedhamu taphachiisi. Achiis gaaffiiwwan kanaa gadii gaafadhu: Aanaales gara Yihowaatti kan deebite akkamitti? Maaliifi? (Isa 55:6, 7) Namoota Yihowaa irraa fagaatan gargaaruuf muuxannoo ishiitti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) kr boq.  22 key. 1-7

  • Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)

  • Faarfannaa 142 fi Kadhannaa