Ebla 23-29
MAARQOS 3-4
Faarfannaa 77 fi Kadhannaa
Yaada Seensaa (Daq. 3 ykn isaa gad)
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
“Guyyaa Sanbataatti Fayyisuu”: (Daq. 10)
Mar 3:1, 2—Geggeessitoonni amantii Yihudii Yesuusiin balaaleffachuuf sababii barbaadu turan (jy 78 key. 1-2)
Mar 3:3, 4—Yesuus ilaalchi isaan seera Sanbataatiif qaban daangaa isaa kan darbee fi Kitaaba Qulqulluu irratti kan hin hundoofne akka taʼe beeka ture (jy 78 key. 3)
Mar 3:5—Yesuus “mata jabeeyyii taʼuu isaaniitti baayʼee gaddee” ture (“Mata jabeeyyii taʼuu isaaniitti baayʼee gadde” qabxii qoʼannaa Mar 3:5, nwtsty-AM)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)
Mar 3:29—Hafuura qulqulluu arrabsuu jechuun maal jechuu dha? Kun hoo miidhaa akkamii geessisa? (“Namni hafuura qulqulluu arrabsu,” “bara baraaf cubbamaa taʼa” qabxiiwwan qoʼannaa Mar 3:29, nwtsty-AM)
Mar 4:26-29—Fakkeenya Yesuus nama sanyii facaasee rafe ilaalchisee dubbate irraa maal barachuu dandeenya? (w14 12/15 12-13 key. 6-8)
Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal si barsiise?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa kan biraa akkamii argatte?
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) Mar 3:1-19a
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
Deddeebii Gaaffii Lammaffaa: (Daq. 3 ykn isaa gad) Maree fakkeenya taʼutti fayyadami.
Deddeebii Gaaffii Sadaffaa: (Daq. 3 ykn isaa gad) Caqasa mataa kee filadhu, akkasumas barreeffama qoʼachiisuuf itti fayyadamnu tokko kenni.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 6 ykn isaa gad) bhs 36 key. 21-22—Garaa baratichaa tuquun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe argisiisi.
AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
“Namni Gurra Dhagaʼu Qabu haa Dhagaʼu”: (Daq. 15) Maarqos 4:9 hiika maalii akka qabu ibsi (“Namni gurra dhagaʼu qabu haa dhagaʼu” qabxii qoʼannaa Mar 4:9, nwtsty-AM). Viidiyoo Gorsa Fudhachuudhaan Ogeessa Taʼuu jedhamu taphachiisi. Achiis kitaaba “Jaalala Waaqayyo Keessatti Of Eegaa” jedhu irraa saanduqa boqonnaa 4 keessa jiruu fi “Gorsa Dhaga’i, Barsiisa Fudhadhu” jedhu irratti mariʼadhaa.
Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) kr boq. 22 key. 8-16
Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)
Faarfannaa 22 fi Kadhannaa