AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Meeshaalee Buʼuuraa Barsiisuuf Itti Fayyadamnutti Karaa Buʼa Qabeessa Taʼeen Itti Gargaaramuu
Hojiin barattoota gochuu mana ijaaruu wajjin wal fakkaata. Karaa buʼa qabeessa taʼeen ijaaruuf immoo, meeshaalee keenyatti akka gaariitti fayyadamuu barachuu qabna. Keessumaa immoo dandeettii itti fayyadama meeshaa keenya isa guddaa, jechuunis itti fayyadama Dubbii Waaqayyoo guddifachuun nu barbaachisa. (2Xi 2:15) Kana malees, kaayyoo barattoota gochuu qabaachuudhaan, meeshaalee barsiisuuf itti fayyadamnu, jechuunis barreeffamoota kaanii fi viidiyoowwanitti karaa buʼa qabeessa taʼeen fayyadamuu nu barbaachisa. *
Akkaataa itti fayyadama meeshaalee barsiisuuf itti gargaaramnutti fayyadamuu guddifachuu kan dandeessu akkamitti? (1) Ilaaltuun ol aanaa garee tajaajilaa kee akka si gargaaru gaafadhu, (2) babalʼisaa ykn qajeelchaa muuxannoo qabu wajjin tajaajili, akkasumas (3) irra deddeebiʼii shaakali. Barreeffamootaa fi viidiyoowwan kanatti fayyadamuudhaan dandeettii kee yoo guddifatte, hojii ijaarsaa hafuuraa hojjetamaa jiru irraa gammachuu ni argatta.
BARRUULEE
BIROOSHUROOTA
KITAABOTA
TIRAAKTOTA
VIIDIYOOWWAN
WARAQAAWWAN AFFEERRII
KAARDIIWWAN TEESSOO JW.ORG
^ key. 3 Meeshaalee barsiisuuf itti fayyadamnu keessatti barreeffamoonni namoota murtaaʼaniif qophaaʼan itti hin dabalamne. Barreeffamoota kanatti yeroo barbaachisaa taʼutti itti fayyadamuun ni dandaʼama.