Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ebla 1-7

1 QORONTOS 7-9

Ebla 1-7

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

  • Qeenxee Taʼuun Kennaa Dha”: (Daq. 10)

    • 1Qo 7:32—Kiristiyaanonni qeenxee taʼan, yaaddoo namoota gaaʼela godhatan irra gaʼu irraa bilisa taʼuudhaan Yihowaa tajaajiluu ni dandaʼu (w11 1/15 17-18 key. 3)

    • 1Qo 7:33, 34—Kiristiyaanonni gaaʼela godhatan ‘waaʼee wantoota addunyaa yaaddaʼu’ (w08 7/15 27 key. 1)

    • 1Qo 7:37, 38—Kiristiyaanonni galmawwan hafuuraa hordofuuf jecha qeenxee taʼanii jiraatan, Kiristiyaanota gaaʼela godhatan ‘caalaa gaarii godhaniiru’ (w96-AM 10/15 12-13 key. 14)

  • Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu: (Daq. 8)

    • 1Qo 7:11—Kiristiyaanni tokko waaʼee hiriyaa gaaʼelaa isaa wajjin gargar baʼuu yaadu kan dandaʼu haala akkamii keessatti taʼuu dandaʼa? (lvs-AM 251)

    • 1Qo 7:36—Kiristiyaanonni gaaʼela godhachuu kan qaban, ‘umurii dargaggummaa irra erga darbanii’ booda qofa taʼuu kan qabu maaliifi? (w00-AM 7/15 31 key. 2)

    • Dubbisni Kitaaba Qulqulluu torban kanaa waaʼee Yihowaa maal si barsiise?

    • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu torban kanaa keessaa barumsa kan biraa akkamii argatte?

  • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu: (Daq. 4 ykn isaa gad) 1Qo 8:1-13 (th qoʼannaa 5)

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI

  • Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi: (Daq. 10) Mareedhaan kan dhihaatu. Viidiyoo Caqasoota Sirriitti Beeksisuu jedhamu taphachiisi; achiis birooshura Dubbisuu fi Barsiisuuf Carraaqqii Godhi jedhamu qoʼannaa 4 irratti mariʼadhaa.

  • Haasaa: (Daq. 5 ykn isaa gad) w12 11/15 20—Mata Duree: Namoonni Qeenxee Taʼanii Jiraachuu Filatan Kennaa Kana Uumamaan Argatanii? (th qoʼannaa 12)

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

  • Faarfannaa 37

  • Yeroo Qeenxee Taatanii Dabarsitan Karaa Buʼa Qabeessa Taʼeen Itti Fayyadamaa: (Daq. 15) Viidiyicha taphachiisi. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii gaafadhu: Rakkinni Kiristiyaanota qeenxee taʼan hedduu mudatu maali dha? (1Qo 7:39) Gama kanaan intalli Yiftaa fakkeenya gaarii kan taatu akkamitti? Yihowaan warra balleessaa malee deddeebiʼaniif maal kenna? (Far 84:11) Miseensonni gumii obboloota qeenxee taʼan jajjabeessuu kan dandaʼan akkamitti? Carraan tajaajilaa Kiristiyaanonni qeenxee taʼan qaban tokko tokko kamfaʼi?

  • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Gumii: (Daq. 30) jy boq. 43 key. 1-7

  • Irra Deebii fi Yaada Gabaabaa Barumsa Torban Itti Aanuu (Daq. 3)

  • Faarfannaa 68 fi Kadhannaa