Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 QORONTOS 7-9

Qeenxee Taʼuun Kennaa Dha

Qeenxee Taʼuun Kennaa Dha

7:32, 35, 38

Waggoottan darbanitti Kiristiyaanonni hedduun qeenxee taʼuun isaanii tajaajila isaanii balʼifachuuf, michoota hedduu horachuu fi caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf carraa addaa akka isaaniif kenne hubachuu dandaʼaniiru.

Awustiraaliyaa keessa naannaʼanii yommuu lallaban, bara 1937; Obboleettiin Mana Barumsaa Giilʼaadii eebbifamte Meeksikoo bakka itti ramadamte yommuu geessu, bara 1947

Biraaziil keessatti lallabuu; Maalaawwiitti Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa yommuu baratan

IRRATTI XIINXALUUF: Qeenxee yoo taate haala keessa jirtu karaa buʼa qabeessa taʼeen fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

Obboloonni gumii keessa jiran kaan, obboloota qeenxee taʼan jajjabeessuu fi deggeruu kan dandaʼan akkamitti?