Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 1 QORONTOS 10-13

Yihowaan Waaqa Amanamaa Dha

Yihowaan Waaqa Amanamaa Dha

10:13

Yihowaan qorumsa nu irra gaʼu hambisuuf filata taʼa; haa taʼu malee, yeroo baayʼee wanta qorumsa nu irra gaʼe karaa buʼa qabeessa taʼeen dandamachuuf nu barbaachisu nuu kennuudhaan ‘karaa itti keessaa baanu’ nuuf qopheessa.

  • Yihowaan Dubbii isaa, hafuuraa qulqulluu fi nyaatawwan hafuuraa inni qopheessutti fayyadamee, sammuu, garaa fi miira keenya tasgabbeessa.—Mat 24:45; Yoh 14:16, milj.; Rom 15:4

  • Hafuura qulqulluutti fayyadamee seenaawwanii fi dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka yaadannu gochuudhaan, tarkaanfii ogummaa irratti hundaaʼe akka fudhannu nu gargaara.—Yoh 14:26

  • Maleekota isaatti fayyadamee nu gargaara.—Ibr 1:14

  • Kiristiyaanota hidhata keenya taʼaniitti fayyadamee nu gargaara.—Qol 4:11