Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 31

Yaaqoobii fi Laabaan Kakuu Nagaa Walii Galan

Yaaqoobii fi Laabaan Kakuu Nagaa Walii Galan

31:44-53

Yaaqoobii fi Laabaan tuullaa dhagaa kan dhaaban maaliifi?

  • Namoonni karaa sanaan darban hundi kakuu nagaa isaan galan akka yaadataniif mallattoo taʼee tajaajileera

  • Kakuu nagaa galan kana eeguu fi dhiisuu isaanii Yihowaan akka ilaalu isaan yaadachiisa

Yeroo harʼaattis, Yihowaan saboonni isaa walitti dhufeenya gaarii taʼe akka qabaatan barbaada. Tarkaanfiiwwan sadan kun nagaa qabnu eeggannee jiraachuuf ykn nagaa booraʼe deebisuuf kan nu gargaaran akkamitti?