Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | UUMAMA 32-33

Eebba Argachuuf Walʼaansoo Gochaa Jirtuu?

Eebba Argachuuf Walʼaansoo Gochaa Jirtuu?

32:24-28

Eebba Yihowaa argachuuf, jireenya keenya keessatti dhimmoota hafuuraatiif iddoo isa jalqabaa kennuu qabna. (1Qo 9:26, 27) Yommuu Yihowaa tajaajilutti ilaalcha Yaaqoob maanguddichi yeroo maleekaa tokkoo wajjin walʼaansoo qabetti argisiise qabaachuu qabna. Wantoota armaan gadii gochuudhaan eebba Yihowaa argachuu akka barbaannu argisiisuu dandeenya:

  • Walgaʼiiwwan gumiitiif akka gaariitti qophaaʼuudhaan

  • Haala dhaabbataa taʼeen tajaajila irratti hirmaachuudhaan

  • Warra gumii keessa jiran gargaaruuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan

Haalli keessa jirtan maal iyyuu yoo taʼe, Yihowaan akka isin gargaaru yeroo hunda kadhadhaa; akkasumas humna keessan guutuudhaan isa tajaajiluudhaan eebba isaa argachuuf carraaqaa.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Jireenya koo keessatti kallattiiwwan kamiin carraaqqii cimaa gochuudhaan eebba Yihowaa argachuu dandaʼa?’