Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Wantin Hunda Caalaa Iddoo Guddaa Kennuuf Maali Dha?

Wantin Hunda Caalaa Iddoo Guddaa Kennuuf Maali Dha?

Yaaqoob wanta baayʼee barbaachisaa taʼe, jechuunis eebba Yihowaa argachuuf maleekaa tokko wajjin walʼaansoo qabeera. (Uma 32:24-31; Hos 12:3, 4) Waaʼee keenya hoo maal jechuu dandeenya? Yihowaadhaaf ajajamuu fi eebba isaa argachuuf fedhiidhaan carraaqqii cimaa gochaa jirraa? Fakkeenyaaf, walgaʼii irratti argamuunii fi iddoo hojiitti saʼaatii dabalataa hojjechuun yoo wal irra buʼe isa kam filanna? Yeroo, humnaa fi wanta qabnu keessaa isa hunda irra caalu Yihowaadhaaf kan kenninu yoo taʼe, inni “eebba danuu” nu irratti dhangalaasa. (Mil 3:10) Inni qajeelfama nuuf kenna, eegumsa nuuf godha; akkasumas wanta nu barbaachisu nuuf guuta.—Mat 6:33; Ibr 13:5.

VIIDIYOO GALMAWWAN HAFUURAA  IRRATTI XIYYEEFFACHUU KEENYA ITTI FUFUU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboleettiin tun wanta jaallattuun kan qoramte akkamitti?

  • Hojiin hojjennu qorumsa nutti taʼuu kan dandaʼu akkamitti?

  • Ximotewos utuma karaa hafuuraa guddina gochaa jiruu galmawwan hafuuraa irratti xiyyeeffachuun kan isa barbaachise maaliifi?—1Xi 4:16

  • Jireenya keessan keessatti wanti hunda caalaa iddoo guddaa kennitaniif maali dha?

    Hojiin dursa kenninuuf kam akka taʼe argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?