Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

“Waaqayyolii Ormaa kan Qabdan Of Gidduudhaa Baasaa”

“Waaqayyolii Ormaa kan Qabdan Of Gidduudhaa Baasaa”

Yaaqoob seerri waaʼee waaqolii sobaa dubbatu yeroo hin kennamnetti illee guutummaatti waaqeffatamu kan qabu Yihowaa qofa akka taʼe beeka ture. (Bau 20:3-5) Kanaaf, Yihowaan Yaaqoob gara Betʼelitti akka deebiʼu yommuu isatti himu, Yaaqoob namoonni isa wajjin jiran hundi waaqolii sobaa isaanii akka baasanii gatan isaan ajaje. Achiis lootii akka kudhaamaatti godhatan dabalatee waaqolii sobaa sana hunda ni balleesse. (Uma 35:1-4) Tarkaanfiin Yaaqoob fudhate Yihowaa akka gammachiise homaa hin shakkisiisu.

Yeroo harʼaatti hoo Yihowaadhaaf qofa waaqeffannaa qulqulluu dhiheessuu kan dandeenyu akkamitti? Wantoota waaqolii sobaa ykn hafuurota xuraaʼoo wajjin wal qabatan kam iyyuu balleessuun keenya barbaachisaa dha. Kunis meeshaalee ykn miʼoota gocha hafuurota xuraaʼoo wajjin walqabatan kam iyyuu balleessuu fi wanta itti bohaarru qorachuu kan dabalatu dha. Fakkeenyaaf, akkana jedhaa of gaafadhaa: ‘Kitaabota ykn fiilmiiwwan waaʼee vaanpaayarotaa, zoombiiwwanii ykn namoota humna addaa qaban dubbataniin bohaaruun na gammachiisaa? Bohaartiin filadhu falfala raawwachuun, dawweessuun ykn abaarsi wantoota rakkina hin qabne akka taʼanitti kan argisiisuu dhaa?’ Wanta Yihowaan jibbu kam irraa iyyuu fagaachuu qabna.—Far 97:10.

VIIDIYOO ‘DIYAABILOSIIN MORMAA’ JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Barattuu Kitaaba Qulqulluu Paaleesaa jedhamtu irra rakkinni akkamii gaʼaa ture?

  • Rakkinni hafuurota xuraaʼoo wajjin walqabatu yoo jiraate gargaarsa jaarsolii gumii gaafachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

  • Diyaabiloosiin mormaa; gara Waaqayyootti dhihaadhaa.—Yaq 4:7, 8

    Namoonni eegumsa Yihowaa argachuu barbaadan hundi wanta akkamii balleessuu qabu?

  • Paaleesaan daftee tarkaanfii akkamii fudhatte?

  • Iddoo jiraatanitti, dhiibbaa hafuurota xuraaʼoo irraa bilisa taʼuuf maalfaa gochuu dandeessu?