Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | FAARFANNAA 119

‘Akka Seera Waaqayyootti Jiraadhaa’

‘Akka Seera Waaqayyootti Jiraadhaa’

Akka seera Yihowaatti jiraachuu jechuun, fedhiidhaan qajeelfama Waaqayyootiif bitamuu jechuu dha. Kitaaba Qulqulluu keessa namoota fakkeenyota gaggaarii nuuf taʼanii fi akka faarfatichaa seera Yihowaa hordofan, akkasumas isatti amanaman hedduutu jira.

Gammachuu dhugaa argachuuf, akka seera Waaqayyootti jiraachuu qabna

119:1-8

Iyaasuun qajeelfama Yihowaa irratti amanannaa guutuu akka qabu argisiiseera. Gammachuu fi milkaaʼina argachuuf, garaa isaa guutuudhaan Yihowaatti amanamuu akka qabu hubatee ture

Dubbiin Waaqayyoo ija jabina rakkoowwan nu mudatan damdamachuuf nu barbaachisu nuu kenna

119:33-40

Ermiyaas haalawwan ulfaatoo taʼan yeroo isa mudatanitti ija jabina akka qabuu fi Yihowaatti akka amanamu argisiiseera. Jireenya isaa salphaa godheera; akkasumas hojii isaaf kenname obsaan raawwachuu isaa itti fufeera

Beekumsa Dubbii Waaqayyoo isa sirrii qabaachuun amanannaadhaan lallabuuf nu gargaara

119:41-48

Phaawulos ergaa Waaqayyoo nama kamiif iyyuu lallabuu hin sodaatu ture. Yommuu Feeliks isa Bulchaa taʼeef lallabetti Yihowaan akka isa gargaaru amanannaa guutuu qaba ture

Warra kaaniif yommuun lallabutti haalawwan akkamii keessattan amanannaa akkan qabu argisiisuu dandaʼa?

  • Mana Barumsaatti

  • Bakka Hojiitti

  • Miseensota Maatiitiif

  • Bakka Biraatti