Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | Faarfannaa 135-141

Akkaataan Itti Uumamne Guddaa Dinqisiisaa Dha

Akkaataan Itti Uumamne Guddaa Dinqisiisaa Dha

Daawit amalawwan Waaqayyoo gaarii taʼanii fi uumama Isaa irraa mulʼatan irratti xiinxalee ture. Daawit jireenya isaa Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadameera.

Daawit uumama irratti gad fageenyaan yaaduun isaa Yihowaa jajachuuf isa kakaaseera:

139:14

  • “Isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha”

139:15

  • “Ani dhoksaatti yommuun hojjetame, gadameessa [isa akka lafa gad fagootti ilaalamu] keessatti yommuun tottolfame lafeen koo iyyuu si duraa hin dhokanne”

139:16

  • “Nama taʼuun koo utuu hin beekamin iji kee na arge . . . [kutaawwan qaamaa koo hundi, NW] guutummaatti macaafa kee keessatti caafaman”