Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Yommuu Geggeessitan Dogoggora Kanneen Irraa Fagaadhaa

Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Yommuu Geggeessitan Dogoggora Kanneen Irraa Fagaadhaa

Baayʼee Dubbachuu: Wanta hunda ibsuu akka qabdan isinitti dhagaʼamuu hin qabu. Yesuus namoonni akka yaadanii fi xumura sirrii irra akka gaʼan gochuuf gaaffiiwwanitti ni fayyadama ture. (Mat 17:24-27) Gaaffiiwwan, qoʼannaan sun gammachiisaa akka taʼu gochuuf, akkasumas wanta barataan keessan hubatee fi itti amanu beekuuf isin gargaaru. (be 253 key. 3-4) Yommuu gaaffii gaafattan hanga inni deebii kennutti obsaan eegaa. Baratichi deebii dogoggoraa yoo deebise deebii isa sirrii itti himuu mannaa, gaaffiiwwan dabalataatti fayyadamuudhaan xumura sirrii irra akka gaʼu isa gargaaraa. (be 238 key. 1-2) Saffisni ittiin dubbattan barataan keessan yaadawwan haaraa hubachuuf kan isa dandeessisu taʼuu qaba.—be 230 key. 4.

Akka Walxaxu Gochuu: Barumsa tokko ilaalchisee wanta beektan hunda akka hin dubbanne of eeggadhaa. (Yoh 16:12) Yaada ijoo keeyyatichaa irratti xiyyeeffadhaa. (be 226 key. 4-5) Ibsi balʼaan nama gammachiisu illee qabxii ijoo taʼe dhoksuu dandaʼa. (be 235 key. 3) Baratichi yaada ijoo isaa hubannaan keeyyata itti aanutti ceʼaa.

Barumsicha Irra Fiiguu: Kaayyoon keenya kitaabicha xumuruu utuu hin taʼin, garaa namootaa tuquu dha. (Luq 24:32) Caqasoota ijoo barumsichaa irratti xiyyeeffachuudhaan humna Dubbiin Waaqayyoo qabutti fayyadamaa. (2Qor 10:4; Ibr 4:12; be 144 key. 1-3) Fakkeenyota salphaa taʼanitti fayyadamaa. (be 245 key. 2-4) Haalaa fi amantii baratichaa hubachuudhaan, barumsicha akka isaaf taʼutti dhiheessaa. Gaaffiiwwan akkasii isa gaafadhaa: “Wanta as irratti barachaa jirtu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?” “Kun waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?” “Gorsa akkasii hojii irra oolchuun faayidaa akkamii siif argamsiisa?”—be 238 key. 3-5; 259 key. 1.