Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoonni Fedhii Argisiisan Walgaʼii Irratti Akka Argaman Jajjabeessuu

Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Namoonni Fedhii Argisiisan Walgaʼii Irratti Akka Argaman Jajjabeessuu

BARBAACHISAA KAN TAʼE MAALIIFI? Walgaʼiiwwan ‘Waaqayyoon faarfachuu’ fi ‘jajachuuf’ carraa nuu banu. (Far 149:1) Walgaʼiiwwan irratti, fedha Waaqayyoo akka raawwannu ni baranna. (Far 143:10) Yeroo baayʼee namoonni fedhii argisiisanii fi barattoonni Kitaaba Qulqulluu walgaʼii irratti argamuu yeroo jalqaban saffisaan guddina argisiisu.

KANA GOCHUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

  • Amma dandaʼametti dafaatii walgaʼii irratti akka argaman afeeraa. Amma qoʼannaan Kitaaba Qulqulluu jalqabamutti eeguun isin hin barbaachisu.—Mul 22:17

  • Nama fedhii argisiiseef, walgaʼiin keenya akkamitti akka geggeeffamuu fi barumsi walgaʼii itti aanu irratti dhihaatu maal akka taʼe ibsaafi. Gama kanaan, wantoonni armaan gadii isin gargaaruu dandaʼu: Waraqaa afeerrii walgaʼii gumii, viidiyoo Galma Mootummaa Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhu, akkasumas birooshura Fedha Yihowaa jedhamu barumsa 5 fi 7

  • Akka isa gargaaruu dandeessan itti himaa. Namni fedhii agarsiise sun geejjiba ykn uffannaa seera qabeessa taʼe filachuu wajjin haala qabateen gargaarsi keessan isa barbaachisaa? Walgaʼii irratti isaa wajjin taaʼaa; barreeffama qoʼatamaa jirus isatti argisiisaa. Obbolootaa wajjin wal isa barsiisaa