AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Dandeettii Tajaajila Irratti Qabnu Fooyyeffachuu—Maree Dhugaa Baʼuuf Gargaaru Jalqabuu
Yesuus dubartii Samaariyaa tokkoo wajjin haasaa waan jalqabeef karaa al idilee taʼeen ishiidhaaf dhugaa baʼuu dandaʼeera. Namoota hin beeknee wajjin haasaa jalqabuu irratti dandeettii qabnu akkamitti fooyyessuu dandeenya?
-
Salphaatti kan itti dhihaatamtu taʼi, akkasumas namoota haasofsiisi. Yesuus dadhabee kan ture taʼus, bishaan dhugamu gaafachuu qofaan haasaa isaa jalqabeera. Kanaafuu, miira hoʼaadhaan nagaa gaafachuu fi achiis tarii haala qilleensaa ykn wanta dhiheenyatti raawwatame dubbachuudhaan haasaa jalqabuu dandeessa. Galmi kee inni duraa haasaa jalqabuu qofa akka taʼe yaadadhu, kanaafuu, wanta xiyyeeffannaa nama sanaa harkisu kam iyyuu dubbadhu. Deebii gaarii yoo siif kennuu baate ykn baatte wanti sitti hirʼatu hin jiru. Ammas nama kan biraa haasofsiisuu yaali. Yihowaan ija jabina akka siif kennu isa gaafadhu.—Nah 2:4; HoE 4:29.
-
Carraa argattetti fayyadamtee Misiraachicha dubbachuuf dammaqaa taʼi; taʼus, ariitiidhaan kana hin godhin. Haasaan kee ofuma isaatiin akka itti fufu godhi. Dirqiidhaan akka itti fufu gochuuf yoo yaalte, namichi haasofsiistu dhiphachuu fi haasaa keessan addaan kutuu dandaʼa. Utuu ati dhugaa hin baʼin, haasaan keessan yoo addaan cite abdii hin kutatin. Misiraachicha namootatti himuun kan si sodaachisu yoo taʼe, dhugaa baʼuu utuu sammuutti hin qabatin, haasaa jalqabuuf shaakala godhi. [Viidiyoo 1ffaa taphachiisi, akkasumas irratti mariʼadhaa.]
-
Waaʼee amantii kee yaada garaadhaa maddee fi namni si dhaggeeffatu sun gaaffii akka gaafatu kakaasuu dandaʼu tokko dubbachuudhaan carraa itti dhugaa baatu uumuuf yaali. Yesuus yaada xiyyeeffannaa namaa harkisu dubbachuudhaan dubartiin sun gaaffii akka gaafattu ishii kakaaseera. Yesuus dhuma irratti misiraachicha yommuu ishiitti himu, gaaffii ishiitiif deebii kennaa ture. [Viidiyoo 2ffaa, taphachiisii irratti mariʼadhaa, achiis viidiyoo 3ffaa taphachiisii irratti mariʼadhaa.]