Yesuus Dubartii Samaariyaa Tokkoof Dhugaa Baʼe
Yesuus karaa al idilee taʼeen akka dhugaa baʼu maaltu isa gargaare?
-
4:7—Maree kan jalqabe waaʼee Mootummichaa dubbachuu ykn Masiihii taʼuu isaa beeksisuudhaan utuu hin taʼin, bishaan dhugamu gaafachuudhaan ture
-
4:9—Sanyii ishiitiin kan kaʼe dubartii Samaariyaa sanatti dhihaachuu irraa duubatti hin jenne
-
4:9, 12—Yaada gara falmiitti geessuu dandaʼu yommuu ishiin kaastu, Yesuus wanta dubbatu irratti xiyyeeffateera.—cf 91 key. 3
-
4:10—Maree kan jalqabe fakkeenya wanta dubartittiin guyyaa guyyaadhaan raawwattu irraa fudhatameen ture
-
4:16-19—Jireenya naamusaan ala taʼe kan jiraattu taʼus, Yesuus kabajaan ishii haasofsiiseera
Seenaan kun karaa al idilee taʼeen lallabuun barbaachisaa taʼuu isaa kan argisiisu akkamitti?