Kakaʼumsa Sirriidhaan Yesuusiin Hordofaa
Yesuus fakkeenya hubachuun isaanitti ulfaate tokko barattoota isaatti yommuu himu, namoonni tokko tokko gufachuudhaan isa duukaa deemuu isaanii dhiisaniiru. Guyyaa tokko dura, Yesuus dinqiidhaan namoota kana sooruudhaan humna isaa kana kan argate Waaqayyo irraa akka taʼe mirkaneesseera. Kanaafuu, maaliif gufatan ree? Kakaʼumsi isaan Yesuusiin hordofuuf qaban ofittummaa irratti waan hundaaʼeef akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama. Isaan Yesuusiin kan hordofan faayidaa argachuuf jedhanii qofa ture.
Hundi keenya, akkana jennee of gaafachuu qabna: ‘Yesuusiin kanan hordofu maaliifi? Eebba yeroo ammaa fi gara fuulduraatti dhufu argachuuf qofadhaa? Moo Yihowaa waanan jaalladhuu fi isa gammachiisuu waanan barbaaduufi?’
Hunda caalaa Yihowaa kan tajaajillu sababa armaan gadiitiin kan kaʼe yoo taʼe, kan gufannu maaliif taʼuu dandaʼa?
-
Saba Waaqayyoo wajjin yeroo dabarsuun waan nu gammachiisuuf
-
Jannata keessa jiraachuu waan barbaadnuuf