Yesuus Abbaa Isaatiif Ulfina Kenneera
Yesuus wanta dubbatee fi wanta raawwate hundumaan Abbaa isaa isa samiitiif ulfina kenneera. Yesuus namoonni ergaan isaa Waaqayyo biraa akka dhufe akka beekan barbaada ture. Kanaafuu Kitaabni Qulqulluun wanta inni barsiiseef buʼuura akka taʼu godheera, akkasumas irra deddeebiʼee achi irraa caqaseera. Yesuus yommuu namoonni isa jajan, ofii isaa mannaa, Yihowaan akka jajamu godheera. Wanti hunda caalaa isa yaaddessu, hojii Yihowaan akka inni hojjetu isaaf kenne raawwachuu ture.—Yoh 17:4.
Yommuu wantoota armaan gadii goonu fakkeenya Yesuus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
-
yeroo nama tokko qoʼachiisnu ykn waltajjii irraa barsiisnu
-
yeroo namoonni kaan nu jajan
-
yeroo keenya akkamitti akka dabarsinu yommuu murteessinu