Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Dandeettii Hubannaa Keessanii Leenjisuu Itti Fufaa

Dandeettii Hubannaa Keessanii Leenjisuu Itti Fufaa

Atleetiin tokko dandeettii isaa gabbifachuuf maashaalee isaa leenjisuu isaa itti fufuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun dandeettii hubannaa keenya leenjisuu fi eegnee itti fufuuf carraaqqii wal irra hin cinne gochuu qabna. (Ibr 5:14) Salphaadhumatti murtoo warri kaan godhan gochuu kan barbaannu taʼus, dandeettii hubannaa keenya hojjechiisuu fi murtoo mataa keenyaa gochuu barachuu qabna. Maaliif? Hundi keenya iyyuu waaʼee ofii keenyaa Waaqayyoof deebii kennina.—Rom 14:12.

Erga cuuphamnee waggaa dheeraa waan turreef qofa murtoo gaarii goona jennee yaaduu hin qabnu. Murtoo gaarii gochuuf Yihowaa, Dubbii isaa fi jaarmiyaa isaatti guutummaatti amanamuu qabna.—Iya 1:7, 8; Fak 3:5, 6; Mat 24:45.

VIIDIYOO “QALBII GAARII QABAADHAA JIRAADHAA” JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Eemaan murtoo akkamii gochuun ishii barbaachisee ture?

  • Dhimmoota qalbiif dhiifaman irratti yaada dhuunfaa kennuu irraa of qusachuu kan qabnu maaliifi?

  • Hiriyoonni gaaʼelaa tokko Eemaadhaaf gorsa gaarii akkamii kennan?

  • Eemaan haala keessa jirtu ilaalchisee odeeffannoo ishii gargaaru eessaa argatte?