Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRAA ARGATTAN GUDDIFADHAA

Meeshaalee Qorannootti Fayyadamaa

Meeshaalee Qorannootti Fayyadamaa

Yihowaan meeshaalee beekumsaan barsiisuuf nu gargaaran kanneen akka viidiyoo, tiraaktii, barruulee, birooshura, kitaabotaa fi meeshaa keenya isa guddaa Kitaaba Qulqulluu nuuf kenneera. (2Xi 3:16) Meeshaalee qorannoo caqasoota ibsuuf nu gargaaranis nuuf kenneera. Isaanis Watchtower Library, applikeeshinii JW Library®, LAAYIBIRARII INTARNEETII IRRAA, akkasumas Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe kan dabalatani dha.

Kitaaba Qulqulluu irratti gadi fageenyaan qorannaa gochuuf meeshaalee kana hundatti yeroo fayyadamtu gammachuu argata. Barataan kees meeshaalee kanatti akka fayyadamu isa barsiisi. Taanaan gaaffii isaatiif ofuma isaatiin deebii argachuu isaatti gammachuu ni argata.

VIIDIYOO GAMMACHUU BARATTOOTA GOCHUUN ARGAMSIISU ARGADHAAGARGAARSA YIHOWAA FUDHADHAAMEESHAALEE QORANNOOTTI FAYYADAMUUDHAAN JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Saaraan waaʼee uumamaa mormii akkamii kaaste?

  • Maartaan waaʼee dhimmichaa odeeffannoo eessaa argatte?

  • Yaadawwan Kitaaba Qulqulluu qoratanii argachuu fi warra kaaniif hiruun gammachuu argamsiisa

    Maartaan odeeffannoo caalaatti Saaraa fayyadu kan filate akkamitti?

  • Meeshaalee qorannoo keenyatti fayyadamuun Maartaa kan fayyade akkamitti?