AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU
Birooshuraa fi Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhaman Tajaajila Keessan Irratti Fayyadamaa
Birooshuraa fi kitaaba haaraa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu geggeessuuf nu gargaaru argachuu keenyatti gammanneerra. Yihowaan carraaqqii namoota dabalataa barattoota gochuuf taasisnu akka nuuf eebbisu ni kadhanna. (Mat 28:18-20; 1Qo 3:6-9) Meeshaalee haaraa kana akkamitti itti fayyadamna?
Barumsi Kitaaba Qulqulluu kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu irra jiru kan qoʼatamu mala haaraatiin, jechuunis bifa mariitiin waan taʼeef yommuu qophooftanis taʼe qoʼannaa geggeessitan qajeelfama armaan gadii hordofaa. *
-
Barumsicha dubbisaa, akkasumas gaaffiiwwan jiran irratti mariʼadhaa
-
Caqasoota “dubbisaa” jedhaman hunda dubbisaa, baratichi barumsicha akkamitti hojii irra akka oolchuu akka hubatu isa gargaaraa
-
Viidiyoowwan kennaman taphachiisaatii gaaffiiwwan jiran hundatti fayyadamuudhaan mariʼadhaa
-
Yeroo tokkotti barumsa tokko xumuruuf yaalaa
Tajaajila irratti fedhii namichaa beekuuf jalqaba birooshuricha kennaafii. (Saanduqa “ Dhugaa Baʼuu Irratti Birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! Jedhamu Kennuu kan Dandeessu Akkamitti?” jedhu ilaali.) Birooshuricha qoʼattanii yoo xumurtanii fi baratichi itti fufuu kan barbaadu yoo taʼe, kitaabicha kennaafiitii barumsa 4ffaa jalqabaa. Barataa tokko wajjin kitaaba Maal Nu Barsiisa ykn Jaalala Waaqayyoo Keessa Jiraadhaa jedhamu qoʼachaa jirtu yoo taʼe gara kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti ceʼaa; akkasumas eessaa akka jalqabdan murteessaa.
VIIDIYOO QOʼANNAA KITAABA QULQULLUU KEETIIF BAGA NAGAAN DHUFTE JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Barattoonni kitaaba haaraa kana irraa maal baratu?
-
Viidiyoo kana barattoota haaraatti argisiisuu kan qabdan maaliifi?
-
Barataan keessan irraa jalaan galma akkamii akka baafatuu fi akka irra gaʼu jajjabeessuu qabdu?—Chaartii “ Xiyyeeffannaa fi Galma Tokkoon Tokkoon Kutaawwanii” jedhu ilaali.
^ key. 4 HUBACHIISA: Yeroo qoʼannaatti kutaan “Qorannoo Dabalataa Godhi” jedhu filannoodhaaf kan dhiifame taʼus, yommuu qoʼachiisuuf qophooftanitti yeroo fudhadhaatii wanta jiru hunda dubbisaa ykn ilaalaa. Taanaan wanta caalaatti xiyyeeffannaa barataa keessanii harkisuu fi isa gargaaru beekuu dandeessu. Barreeffamni kun inni bifa elektiroonikiitiin qophaaʼe liinkii gara viidiyoo fi odeeffannoo dabalataatti geessu qaba.
XIYYEEFFANNAA FI GALMA TOKKOON TOKKOON KUTAAWWANII |
|||
---|---|---|---|
BARUMSA |
XIYYEEFFANNAA |
GALMA BARATAA |
|
01-12 |
Kitaabni Qulqulluun akkamitti akka si gargaaruu fi Abbaa Barroo Kitaaba Qulqulluu beeku kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu |
Waaqayyo maal akka nuuf godhee fi waaqeffannaan isa gammachiisu kan akkamii akka taʼe hubadhu |
|
13-33 |
Wanta Waaqayyo waaqeffattoota isaa irra barbaadu baradhu |
Baratichi Kitaaba Qulqulluu akka dubbisu, qoʼannaa isaatiif akka qophaaʼuu fi walgaʼii irratti argamu akka jalqabu jajjabeessi |
|
34-47 |
Baratichi dhugaa warra kaanitti akka himuu fi babalʼisaa akka taʼu jajjabeessi |
Baratichi Yihowaadhaaf akka of murteessuu fi cuuphamu jajjabeessi |
|
48-60 |
Jaalala Waaqayyoo keessa jiraachuu kan dandeessuu akkamitti akka ta’e baradhu |
Baratichi wanta sirrii fi dogoggora taʼe akkamitti akka adda baafatuu fi karaa hafuuraa akka guddatu isa barsiisi |